1 Corinthians 15:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani ergantoota duudii keessaa diqqa'a; wolde'a Kiristaanaa ka Waaqaa irralle'etti waan miidhaa geessiseeruuf ergamaa jedhamiisaaf nama te'uu moti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi anini maand'a ergattu ch'ufaati, ergattu naani jechu himmalle, maro anini gumi Waaqa gaargalcheefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii akkanatiif ani mandhaa ergattuu cufaati, ergattuu nan jechuu hinmallee marroo aniin gumii Waaqaa gargalcheef.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani ergamtoota maraayyuu gadi waan ta'eef, Woldaa Kiristaanaa ta Rabbii waan ari'eef, ergamaa jedhamee waamamuun naaf hin ta'u.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani ergamoota maraayyuu gadi waan ta'eef, Woldaa Kiristaanaa ta Rabbii waan ari'eef, ergamaa jedhamee waamamuun naaf hin ta'u.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ani woldaya Waaqaa ka ari'e waan ta'eef ergamittoota maraayyuu gad ka hanqadhee fi ergatamcha'llee jedhamee waamamuun ka naan hin malle.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani ergantoota duudii keessaa diqqa'a; wolde'a Kiristaanaa ka Waaqaa irralle'etti waan miidhaa geessiseeruuf ergamaa jedhamiisaaf nama te'uu moti.