1 Corinthians 16:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Dhutti Isxifaanoosii, Fortunaaxosiitii fi Akaayqosisii guddoo na gammachiiteerti. Sababille waan isin ana woliin as hin jiraatiiniif, waan na irraa dhidhate naa guutaneeran.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'ufiisi Stefanatiifi ka Fortunatotiifi ka Akaiko guddo na gammachiise; ya fulla isani injirre buani,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Dhufiisii Isxifaanaas, ka Fortunaaxosii fi ka Akaayqos ka fulaa teessan bu'an guddoo na gammachiise;
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isxifaanos, Fardonaxisii fi Akaayiqosi garana dhufuun isaanii na gammachiisa. Waan hennaa isin na woliin hin jirre na jalaa dhidhate naa guutaniiraniif.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isxifaanosi, Fardonaxisii fi Akaayiqosi garana dhufuun isaanii na gammachisa. Waan hennaa isin na woliin hin jirre na jalaa dhidhate naa guutaniiraniif.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isxifaanosii fi Fordonaaxiis Akaayiqos'llee gara kiyya dhufuu isaaniitiin gammadee jira, isin anaan woliin argamuu dhabuu keessaniif isaan bakka keessan bu'uun, waan natti dhidhate naaf guutanii jiran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dhutti Isxifaanosii, Fortunaaxosiitii fi Akaayqosisii guddoo na gammachiitteerti. Sababille waan isin na woliin as hin jiraatiniif, waan na irraa dhidhate naa guutaneeran.