1 Corinthians 16:19 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Wolde'ooti kiristaanaa ka Asiyaa keessa jiranu nageya isiniif dhaaman; Aqiila'aa fi Phirsikaan, wolde'a kiristaanaa ka mana isaaniititti wolitti qabamu woliin maqaa Gootta'aatiin nageya isinii dhaaman.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gumiini Asia nagaya isani d'aamti; Akilafi Priskafi gumiini mana worra keesati wolwoldeetu guddo nagaya d'aamti, maqa Aabbootiini.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gumiin kiristiyaanaa ta Asiyaa nagaya isanii dhaamti; Aqiilaanii fi Phriskaaniilleen gumii mana warra keessaatti walwaldeete waliin maqaa Aabbootiin guddoo nagaya isanii dhaamti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Woldeenni Kiristaanaa ta Isiya'aa nagaya isinii dhaamaniiran. Aqilaa, Phirisqilla'aa fi woldeenni Kiristaanaa ta mana isaanii jirtu woliin maqaa Goofta'aatiin nagaya guddaa isinii dhaamaniiran.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Woldeenni Kiristaanaa ta Isiya'aa nagaya isinii dhaamaniiran. Aqilaa, Pherisqilla'aa fi woldeenni Kiristaanaa ta mana isaanii jirtu woliin maqaa Goofta'aatiin nagaya guddaa isinii dhaamaniiran.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Woldeenni amanttootaa ka Asiyaa jiran nagaya isiniif ni dhiyeessan, Aqiilaa fi Phriskaan, Kristaanonni mana isaanii titti wolgayan'llee, nagaya onnee irraa ta'e maqaa Goofta'aatiin isiniif ni dhiyeessan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Wolde'ooti kiristaanaa ka Asiyaa keessa jiranu nageya isiniif dhaaman; Aqiila'aa fi Phirsikaan, wolde'a kiristaanaa ka mana isaaniititti wolitti qabamu woliin maqaa Gootta'aatiin nageya isinii dhaaman.