1 Corinthians 16:2 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani yennaa dhufu beesee akka hin guurre, torbaan torbaaniinuu guyyaa dilbataa nami tokko tokkonuu, haguma galii ifiititti baasii addaan baasee keyuu ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya qara ka torbaani ch'ufa isaniini ch'ufti hori lafa kayu maltani, waan argattani gula, aka yo anini d'ufe hori wolti inguurre.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Guyyaa qaraa ka torbaan cufaa isaniin cuftii horii lafa kaa'uu maltan, waan argattan gula, akka yo anin dhufee horii waltii hinguurre.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Birrii wolitti guuruun hennaa ani dhufe akka hin taane, isin keessaa gari gariin keessan jalqaba torbaanii akkuma ta'etti ka qabu irraa hambisa'aa mana ufii haa kaayuu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Birrii wolitti guruun hennaa ani dhufe akka hin taane, isin keessaa gari gariin keessan jalqaba torbaanii akkuma ta'etti ka qabu irraa hanbisa'aa mana ufii haa kaayuu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ani gara keessan yeroo dhufutti buusiin qarshi'ii akka hin taasfaminneef torbaan torbaaniin dilbbata isin keessaa tokkoon tokkoon haga galii argatuutiin, buusa'aa addaan baasee ha kaayu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani yennaa dhufu beesee akka hin guurre, torbaan torbaaniinuu guyyaa dilbataa nami tokko tokkonuu, haguma galii ifiititti baasii addaan baasee keyuu ti.