1 Corinthians 2:1 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Obboleeyyan tiyya, ani yennaa gara keessan dhufe jechoota guguurda'aa fi qarumma'aan dhossaa Waaqaa isinitti hin lallanne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafa anini gara keesani d'ufe aka d'ossa Waaqa ta d'uga isani barsiisu, oboleyaani tiyya, anini dubbi gugurdofi waan qarooma indubbanne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Obboleeyyaan tiyya! Anin gaafa waan dhossa Waaqaa ta dhugaa isan barsiisuu gara keessan dhufee, duubbii jabduu dubbadhee, qarooma garsiisee hindhumne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani obboleeyyan tiyya! Hennaa gara keessan dhufe, namoota biraa caalaa dubbachu'uun yookaan ogumma'aan ragaa waan Rabbii isinitti hima'aa hin dhufne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani obboleeyyan tiyya! Hennaa gara keessan dhufe, namoota biraa caalaa dubbachu'uun yookiin ogumma'aan ragaa waan Rabbii isinitti hima'aa hin dhufne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yaa obboleeyyan! Gara keessan yeroo dhufetti waayeen Waaqaa ragaa ka baye, dandeettii haasaya kiyyaatii fi ogummaa falaasamaa kiyyaa muldhisu'uunii miti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Obboleeyyan tiyya, ani yennaa gara keessan dhufe jechoota gugurda'aa fi qarumma'aan dhossaa Waaqaa isinitti hin lallanne.