1 Corinthians 2:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Waan nama tokko keessa jiru mara ayyaanuma nama san keessa jiruttuu beeka malee, nami dhibiin hin beeku. Akkasuma ayyaana Waaqaa malee, marroo Waaqaa ka beeku eennulle hin jiru.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lubbu nama keesa jirtuti waan nama suni ch'ufa beekha; akasuma Lubbu Waaqa ch'allati waan Waaqa ch'ufa beekha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Hafuura nama keessa jiruutti waan nama sun keessa jiraa beeka malee, namii dhibiin beekuu hindanda'u; akkasumaa hafuura Waaqaa callaatti waan Waaqaa cufaa beeka malee, namii tokkolleen herrega Waaqaa hinbeeku.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan nama tokko keessa jiru, Ayyaana isa keessa jiru san malee, ka biraa ka beeku eennu? Akkasuma ammo Ayyaana Rabbii malee ka Rabbiin beeku eennullee hin jiru.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Waan nama tokko keessa jiru, Ayyaana isa keessa jiru san malee, ka biraa ka beeku eennu? Akkasuma ammoo Ayyaana Rabbii malee, ka Rabbiin beeku eennullee hin jiru.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waayee namaa ta'ee yoo ta'e hafuura mataa isaa malee, isa keessa yaada jiru ka beeku eennu? Akkuma kana Hafuura Waaqaa malee yaada Waaqaa ka beeku, eennu'llee hin jiru.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waan nama tokko keessa jiru mara ayyaanuma nama san keessa jiruttuu beeka malee, nami dhibiin hin beeku. Akkasuma ayyaana Waaqaa malee, marroo Waaqaa ka beeku eennulle hin jiru.