1 Corinthians 2:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Waan Waaqa irraa nuu kenname akka beennuuf, Ayyaana Waaqaa fudhanne malee, ayyaana biyya lafa tanaa hin fudhanne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nu lubbu lafa tana inarganne; ammo Lubbu Waaqi nuti erge arganne, aka nu waan Waaqi nuu kenne ch'ufa barannu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nu akka waan Waaqii nuu kenne cufaa baraannu, hafuura Waaqii nutti erge arganne malee, hafuura lafa tanaa hinarganne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Nu ammo waan Rabbiin irraa akkanumaan nuu kenname akka beennuuf, Ayyaana Rabbiin irraa ta'e fudhanne malee, Ayyaana adunyaa tanaa hin fudhanne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Nu ammoo waan Rabbiin irraa akkanumaan nuu kenname akka beenuuf, Ayyaana Rabbiin irraa ta'e fudhanne malee, Ayyaana adunyaa tanaa hin fudhanne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaqa biraa waan nuuf kenname akka beekinuuf Hafuura Waaqaati malee, nu'u hafuura biyya lafa tanaa hin fudhanne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waan Waaqa irraa nuu kenname akka beennuuf, Ayyaana Waaqaa fudhanne malee, ayyaana biyya lafa tanaa hin fudhanne.