1 Corinthians 2:13 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Tanaaf nuuti dhugaa ayyaanaa ayyaantole'eef ka barsiisaarru, qarummaa Ayyaana Waaqaa irraa dhaggantuun malee, qarummaa nama irraa dhaggantuunii moti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi nu dubbi qarooma ta nami nu barsiise dubbachuti injirru, ammo dubbi Lubbuuni nu barsiifte dubbanna, ato nu worra Lubbu Waaqa qabu d'uga lubbu barsiimnu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf nu waan warra hafuura Waaqaa qabu dhugaa hafuuraa barsiimnuuf, dubbii hafuurii nu barsiise dubbanna malee, dubbii qaroomaa ta namii nu barsiise hindubbannu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan Ayyaanaa wol bira qabnee waan dubbii Ayyaanni nu barsiisuun akkasuma dubbanna malee dubbii ogummaan namaa nu barsiisuunii miti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Waan Ayyaanaa wol bira qabnee waan dubbii Ayyaanni nu barsiisuun akkasuma dubbanna malee, dubbii ogummaan namaa nu barsiisuunii miti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf nu'u waan hafuurayaa namoota hafuurayootaaf ka barsiifnnu ogummaa nama irraa argannuun uduu hin ta'in, ogummaa Hafuura Waaqaa irraa argannuun.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf nuuti dhugaa ayyaanaa ayyaantole'eef ka barsiisaarru, qarummaa Ayyaana Waaqaa irraa dhaggantuun malee, qarummaa nama irraa dhaggantuunii moti.