1 Corinthians 2:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nami Ayyaana Waaqaa hin qanne gowwummaa waan itti fakkattuuf, kennansa ayyaana Waaqaa irraa kennamu hin fudhatu; kennansi sun ka qorqoramu Ayyaana Waaqaatiin waan te'eef hubatiisaaf hin dande'u.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo nami Lubbu Waaqa inqamne dandae kenniti Lubbuuni Waaqa namaa kennitu inargatu. Inni dandae inhubatu, woma tokole iti imfakaatu; wonti akanatiifi nama Lubbu Waaqa qabu ch'allati dandae hubata.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo namii hafuura Waaqaa hinqamne danda'ee kennamsa hafuurii Waaqaa namaa kennu hinargatu. Kennamsii sun homa tokkollee isaatti hinfakkaatu; waan namii hafuura Waaqaa qabu callaan danda'ee hubatuuf, innii waan hafuura Waaqaa hinqamneef danda'ee hinhubatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Nama akka uumameen jiru, wonti Ayyaana Rabbii waan gowwummaa ta'eef hin fudhatu; dubbiin Ayyaanaa waan Ayyaana Rabbiitiin qoramuuf namni foonii beeku hin danda'u.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Nama akka umameen jiruu, wonti Ayyaana Rabbii waan gowwummaa ta'eef hin fudhatu; dubbiin Ayyaanaa waan Ayyaana Rabbiitiin qoramuuf namni foonii beeku hin danda'u.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Hafuura Waaqaa ka hin qabnne nama foonii garuu kennaa Hafuura Waaqaa irraa ka kennamu fudhachu'uuf hin danda'u, ol aanaa ta'uun kenna'aa'llee ka qoratamu karaa Hafuura Waaqaatiin waan ta'eef, hubachu'uniif hin danda'u, gonkumaa kun isaaf gowummaa ta'ee itti ni muldhata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami Ayyaana Waaqaa hin qanne gowwummaa waan itti fakkaattuuf, kennansa ayyaana Waaqaa irraa kennamu hin fudhatu; kennansi sun ka qorqoramu Ayyaana Waaqaatiin waan te'eef hubatiisaaf hin dande'u.