1 Corinthians 2:5 — Compare Translations

6 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Dhugeeffannaan teessan qarummaa nama irratti adoo hin te'in hunnna Waaqaa irratti ta hundootte akka teetuuf ani tana godhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'ugefachaani teesani duuba qarooma nama keesa injirtu, ammo jabeenna Waaqa keesa jirti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Dhugeeffachaan teessan duuba qarooma namaa keessa hinjirtuu, ammoo jabeenna Waaqaa keessa jirti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kunillee amantiin keessan hunna Rabbii malee ogummaa namaa irratti akka hin hundoofneef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kana'llee ka raawwadheef amanitiin keessan ogummaa namaa irratti ka hundeeffame uduu hin ta'in, huminna Waaqaatiin ka irkifame akka ta'uuf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dhugeeffannaan teessan qarummaa namaa irratti adoo hin te'in hunna Waaqaa irratti ta hundootte akka teetuuf ani tana godhe.