1 Corinthians 2:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Bulchitoota biyya lafa tana keessaa qarummaa tana ka beeke tokkolle hin jiru. adoo beekanee jiraatane, Goottaa ulfinnaa hin fannisanuuyyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hayyooti lafa tana tokoleeni qarooma kana imbeetu. Ato sila beete Abba guddinna maskali irati infanniftu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Hayyootii lafa tanaa tokkolleen qarooma kana hinbeettu. Adoo silaa beettee Abbaa guddinnaa fannoo irratti hinfanniftu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bulchoota biyya kanaa keessaa tokkollee ogummaa kana hin beenne. Uduu beekanii, Gooftaa ulfinnaa silaa hin fannisan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bulchoota biyya kanaa keessaa tokkollee ogummaa kana hin beenne. Uduu beekanii, Gooftaa ulfinnaa silaa hin fannisan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bittoota biyya lafa tanaa jiddu'uu ogummaa kana ka beeke eennu'llee hin jiru, beekaniinii ka jiraatan uduu ta'eetii Gooftaa ulfinnaa kana hin fannisaniiniiyyu ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bulchitoota biyya lafa tana keessaa qarummaa tana ka beeke tokkolle hin jiru. Adoo beekanee jiraatane, Goottaa ulfinnaa hin fannisanuuyyu.