1 Corinthians 2:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Teetuu malee Barreeffam Woyyichi, “Waan ilti namaa hin dhaggin, “Waan gurri namaa hin dhage'iin, Waan gadhaan namaa hin yaadatin Waaqi worra isa jaalatanuuf qopheesera” jedha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo akuma t'aafiini jettu. Waan nami taka arge ind'agayiini, waan nami taka inheregiini, Waaqi worra isa jaalatu kurfeeseefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Barreessiin qulqulloon, “Waan namii takka argee hindhagayiin, waan namii takka hinherregin, Waaqii warra isa jaalatuu qopheesse” jetti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo, «Ka ijji hin argine, ka gurri hin dhageenne; waan qalbii namaatitti hin yaadamne, waan Rabbi worra isa jaalataniif qopheesse» jedhamee akkuma barreeffame akkasuma dubbanna.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo, «Ka ijji hin argine, ka gurri hin dhagenne; waan qalbii namaatitti hin yaadamne, waan Rabbi worra isa jaalataniif qopheesse» jedhamee akkuma barreeffame akkasuma dubbanna.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Haa ta'u malee kitaabanni, «Ijji namaa ka hin ariginiin, gurri namaa'llee ka hin dhagayin, onneen namaa'llee ka hin yaadin, Waaqinni worra isa jaalatuuf qopheessee jira» jedha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Teetuu malee Barreeffam Woyyichi, «Waan ilti namaa hin dhaggin, Waan gurri namaa hin dhage'in, Waan gadhaan namaa hin yaadatin Waaqi worra isa jaalatanuuf qopheesseera» jedha.