1 Corinthians 3:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Akka badhaadha Waaqi anaa kennetti akka nama qaricha mana ijaaru tokkoo ani hundee hundeesse; ka dhibiin hundee ani hundeesse irratti ijaara. Ammoo nami tokko tokkooyyuu achi irratti attam akka ijaaru ifi eegatu qaba.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eeba Waaqi naa kenneeni anini akuma ijaartu manaa yayaba manaa kaye, yayaba suni gubbati nami d'ibiini mana ijaaru jira. Ammo nami ch'ufti aka ijaaru ilaalu male.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eebba Waaqii naa kenneen anin akkumaa ijaartuu manaa yayyaba manaa kaayee, yayyaba sun gubbatti namii dhibiin mana jaaruu jira. Ammoo namii cuftii akka jaaru laaluu male.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akka badhaadha Rabbii ka naa kennameetitti akka nama qaroo mana ijaaruu tokkotti hundee hundeesse; ka biraallee isa irratti ijaara. Gariin ammo isa irratti attamitti akka ijaaru uf haa eeguu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akka badhaadha Rabbii ka naa kennameetitti akka nama qaroo mana ijaaruu tokkotti hundee hundeesse; ka biraallee isa irratti ijaara. Gariin ammoo isa irratti attamitti akka ijaaru uf haa eeguu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkaataa kennaa bilisaa ka Waaqinni naaf kenneetiin akka kaabddicha qaruute'ee titti hunddee jala ni qabe, ka bira'aa'llee hunddee ani jala qabe irratti ni kaaba, tokkoon tokkoon namaa garuu san irratti attamitti akka kaabu, ufi eeggachuu qaba.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akka badhaadha Waaqi naa kennetti akka nama qaricha mana ijaaru tokkoo ani hundee hundeesse; ka dhibiin hundee ani hundeesse irratti ijaara. Ammoo nami tokko tokkooyyuu achi irratti attam akka ijaaru ifi eegatu qaba.