1 Corinthians 3:15 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Namichi mana ijaaru ka hujiin isaa gubattee baddu ammoo gatii ifii hin dhaba; teetuu malee inni ifiif akka nama ibidda keessa taree hin gubatin hafuu hin fayya.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo yo isiini gubatte, nami sunini woma inargatu; ammo inni imbaha, akuma nama ibida keesaa bahe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo yo isiin gubatte, namii sunin homaa hin argatu; ammoo innii akkuma nama ibidda keessaa bahee baha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eennullee hujiin isaa yoo jalaa gubate hin miidhama. Badhaasa ufii hin argatu. Inni ammo hin fayya. Ta'ullee akka nama ibidda keessaa bayeetitti hafa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eennullee hujiin isaa yoo jalaa gubate hin miidhama. Badhaasa ufii hin argatu. Inni ammoo hin fayya. Ta'ullee akka nama ibidda keessaa bayeetitti hafa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kaabdichi hujiin isaa ibiddaan jalaa gubatee dhabamisiifame garuu gatiin isaa jalaa ni hafa, haa ta'u malee inni mataan isaatuu ibidda keessaan dabrree, uduu hin gubatin akka nama hafuu titti ni fayya.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namichi mana ijaaru ka hujiin isaa gubattee baddu ammoo gatii ifii hin dhaba; teetuu malee inni ifiif akka nama ibidda keessa taree hin gubatin hafuu hin fayya.