1 Corinthians 3:16 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isin galma Waaqaa akka teetanee fi Ayyaanni Waaqaa isin keessa akka jiru hin beettanuu?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani aka mana Waaqa ufi imbeetani? Ammalle aka Lubbuuni Waaqa isani keesa teetu ufi imbeetani?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isan akka mana Waaqaa ufi hinmbeettanii? Ammallee akka hafuurii Waaqaa isan keessa taa'uu ufi hinbeettanii?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin mana Rabbii akka taatan Ayyaanni Rabbiillee akka isin keessa jiraatu hin beettanii?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin mana Rabbii akka taatan Ayyaanni Rabbiillee akka isin keessa jiraatu hin beettanii?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Mana Waaqeffannaa Waaqaa ta'uu keessan fi Hafuurri Waaqaa isin keessa jiraachuu isaa, hin beekittan moo?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin galma Waaqaa akka teetanee fi Ayyaanni Waaqaa isin keessa akka jiru hin beettanuu?