1 Corinthians 3:18 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Eennulle ifi hin sobin. Nami isin keessaa akka yaada biyya lafaatitti qaroo ifi sewu yoo jiraate, dhugumaan qaroo te'iisaaf akka gowwa'aa ifi laakkowuu ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami tokoleeni ufi insobini. Nami waan guddo qalbi qabu ufi sehu, herega nama gula, ha ufi daalleesuuti, aka qaroomu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii tokkolleen ufi hin sobin! Namii waan guddoo qalbii qabu ufi sehuu, akka qaroomuu herrega namaa gula ha ufi daalleesuutii.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eennullee uf hin sobin. Isin keessaa eennullee adunyaa tanatti waan ogeessa ta'e yoo isatti fakkaate, ogeessa ta'u'uuf gowwaa haa ta'u.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
18 Eennullee uf hin sobin. Isin keessaa eennullee adunyaa tanatti waan ogeessa ta'e yoo isatti fakkaate, ogeessa ta'u'uuf gowwaa haata'u.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eennu'llee mataa isaa hin sobinni, sadarkkaa ogummaa biyya lafaa kanaatiin ogeessa fakkaatee ka mulidhatu yoo jiraate, ogummaa Waaqaa ka dhuga'aa akka argatu mataa isaa akka gowwa'aa titti haa laakkayu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Eennulle ifi hin sobin. Nami isin keessaa akka yaada biyya lafaatitti qaroo ifi sewu yoo jiraate, dhugumaan qaroo te'iisaaf akka gowwa'aa ifi laakkowuu ti.