1 Corinthians 4:14 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani akka ijoollee tiyya jaalatanteetitti isin gorsiisaaf malee, isin qaannessiisaaf tana barreessiisatti hin jiru.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini waan kana aka isani ch'eersu int'aamne, ammo aka ijoolle tiyya ta anini jaalad'u isani gorsu fed'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin waan kana akka ijoollee tiyya ta jaaladhuu isan gorsuuf malee, akka isan ceersuuf hinbarreesine.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akka ijoollee jaaladhuutitti isin gorsu'uuf malee, isin saalfachiisu'uuf kana isinii hin barreessu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akka ijoollee jaaladhuutitti isin gorsu'uuf malee, isin saalfachiisu'uuf kana isinii hin barreessu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ani kana ka isiniif barreessu akka ijoollee tiyya ka jaalatamttanii taasisee isin gorssu'uuf yaadeeti malee, isin saalfachiisu'uuf jedheetii miti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani akka ijoollee tiyya jaalatanteetitti isin gorsiisaaf malee, isin qaanessiisaaf tana barreessiisatti hin jiru.