1 Corinthians 4:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Sababa kanaaf ani ilma jaalatamaa kiyya, ka Kiristoosiin addatame Ximootewoos gara keessan erga. Inni karaa jiru'uu ka Kiristoosiin dhaggadhe, kama ani wolde'oota kiristaanaa addee maratti barsiisu isin yaadachiisa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maro waan kanatifi anini Timotheo isaniti erga. Inni ilma kiyya Aabbo keesa, ka anini guddo jaalad'e d'ugefad'u. Inni daandi anini jireenna kiyya hareesa Kristo keesa gula deemu isaniti hima, ta anini gumi lafa ch'ufa barsiisu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Mar. roo waan kanaatiif anin Ximotewos isanitti erga. Innii karaa Aabbootiin, ilma kiyya ka anin guddoo jaaladhee dhugeeffadhu. Innii jireena kiyya haareessa anin karaa Kirtootiin jiraadhu hima; ammallee akka anin gumii Waaqaa ta lafa cufaa barsiisu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu Ximootewoosii jaaladhu amanamaa Goofta'aan ilma kiyya ta'e isinii ergeera. Akkuma ani hulee marattuu woldaa Kiristaanaa barsiisu, karaa kiyya ka Kiristoos Yesuusiin ta'u innillee isin qaabsisa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaafuu ka jaaladhuuf amanamaa ka ta'e ka Goofta'aan ilma kiyya ta'e Ximootiwoosiin isinii ergeera. Akkuma ani hulee marattuu woldaa Kiristaanaa barsiisu, karaa kiyya ka Kiristoos Yesuusiin ta'u innillee isin qaabsisa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waan kanaan kanaaf jaalatamee fi ka amaname Goofta'aan ilma kiyya ka ta'e Ximotewosiin isinii ergee jira, bakka maraa fi woldayoota amanti'ii marattuu akkuma barsiisu, Kristosiin ka argadhe qajeelcha jireenna haarawaa isin yaadachiisa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sababa kanaaf ani ilma jaalatamaa kiyya, ka Kiristoosiin addatame Ximootewoos gara keessan erga. Inni karaa jiru'uu ka Kiristoosiin dhaggadhe, kama ani wolde'oota kiristaanaa addee maratti barsiisu isin yaadachiisa.