1 Corinthians 4:5 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Tanaaf yennaan adoo hin geyin, Goottaan adoo hin dhufin eennulle'etti hin murina'a. Inni waan dukkana keessatti dhokate ifatti hin baasa; yaada gadhaa namaa keessatti dhokatelle diidatti hin baasa. Yennaa san nami martinuu galata isaaf male Waaqa irraa hin dhaggata.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi ato hojjaani ingahiini nama tokole inqorina. Qorsumaani muumme gaafa Aabbooni mullatu taati. Inni waan d'ossaniifi herega garaa nama ch'ufa diidati baasa. Gaafasi nami ch'ufti faaru inni argachu male Waaqa ira argata.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf adoo yohii hin gahiin, adoo Aabboon hindhufin nama tokkolleetti hinmurinaa. Murtiin muummee gaafa Aabboon mullatu taati. Innii waan dhossanii fi herrega garaa nama cufa diidaatti baasa. Namii cuftii gaafas galata argachuu male Waaqaa irraa argata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu ka dukkana keessatti dhokate akkasuma Gooftaan gara ifaa baasu, ka gorsa onne'eellee ibsu haga dhufutti hennaan uduu hin geenne waan tokkollee hin murteessinaa'a. Hennaa san isaan maraafuu galanni Rabbiin biraa ta'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaafuu ka dukkana keessatti dhokate akkasuma gara ifaa ka baasu ka gorsa onne'eellee ibsu Gooftaan haga dhufuutti hennaan uduu hin geenne waan tokkollee hin murteessinaa'a. Hennaa san isaan maraafuu galanni Rabbiin biraa ta'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf yeroon uduu hin gayin, Gooftaan murti'iif uduu hin dhufniin duranatti eennuun irratti'llee hin murteessinaa, inni yeroo dhufutti dhossaa dukkana keessatti dhokate gara ifaa titti ni baasa, yaadinni onnee namoota keessatti dhokate'llee ni muldhisaan, yeroo sanitti tokkoon tokkoonuu Waaqa biraa galata barbaachisaa ni argata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf yennaan adoo hin geyin, Goottaan adoo hin dhufin eennulle'etti hin murina'a. Inni waan dukkana keessatti dhokate ifatti hin baasa; yaada gadhaa namaa keessatti dhokatelle diidatti hin baasa. Yennaa san nami martinuu galata isaaf male Waaqa irraa hin dhaggata.