1 Corinthians 4:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ati worra dhibii maaniin caalta? Waan ati qaddu duudii ka si'ii kenne Waaqaa motii? Maarre yoo isa irraa fudhattee jiraatte, akka kennaa hin te'inititti maaf ifi jajja?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eentu nama d'ibi ira si guddise? Waaqati waan atini qabdu ch'ufa si kenneeyu? Yoosi, maafi ufi guddifta, aka waan waan atini qabdu ch'ufa tolaa sii inkenniini?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eentu nama dhibii irra si guddise? Waaqaatti waan atin qabdu cufaa sii kenneeyyuu? waan Waaqii sii hinkenniin maal qabda mee? yo isa irraa argattee, maaf akka waan atin qabdu kana cufa tolaa sii hinkenniin ufi guddifta ree?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ati akka worra kaan caaltu eentu si taasise? wonti ati hin arganne maali'i? Eega isa irraa fudhatte amma maaf akka waan kee ta'eetitti uf jajja ree?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ati akka worra kaan caaltu eentu si taasise? wonti ati hin arganne maali'i? Eega isa irraa fudhatte amma maali'iif akka waan kan kee ta'eetitti uf jajja ree?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ati kaanniin maali'iin caalitta? Wonitti kaanniin irraa hin fudhatin maalttu jira? Eegaa, waan maraa ka fudhatte kaaniin irraa eega taate, akka nama hin fudhatinii maali'iif ufi dhaadda?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ati worra dhibii maaniin caalta? Waan ati qaddu duudii ka si'ii kenne Waaqaa motii? Maarre yoo isa irraa fudhattee jiraatte, akka kennaa hin te'iniititti maaf ifi jajja?