1 Corinthians 4:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqi, nu'u ergantoota akka worra du'a itti muranee gara itti ijjeeffamanu geeffamanuu, worra gadee waan nu godhe seya. Tanaaf biyya lafaa irratti ergantoota Waaqaatii fi fuula namaa duratti akka waan daaw'ii teenee mudhanna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mala kiyya, Waaqi ya nuu ergattuti fulla gadii kenne, aka nama ijeechati murani diidati ijeesani, aka malaikafi nami ch'ufti nu daawatu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Mala kiyyaa, Waaqii nuu ergamtotaatii kenne, akka nama ijjeechaa itti muraanii diidatti ijjeessanii, akka ammalllee ergamtootaa fi namii cuftii nu daawwatu, ya namaa gadi nu godhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Adunyaa, Maleekkotaa fi namoota birattillee worra taphaa taaneerra. Rabbi nu ergamtoota akka namoota duuti itti murtaayee waan maraa caalaa duuba akka taanu waan nu taasisan natti fakkaata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Adunyaa, Maleekkotaa fi namoota birrattillee worra taphaa taaneerra. Rabbi nu ergamoota akka namoota duuti itti murtayee waan maraa caalaa duuba akka taanu waan nu taasisan naffakkaata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaqinni nu'u ergamittota isaa gara bakka duuti isaanitti murtteeffamee itti ajjeefamanii namoota fudhataman jiddu'uu, worra muumme'ee ka nu taasise natti fakkaata, kana irraa'llee ka ka'een biyya lafaa maratti maleyikkaa ta'ee namoota duranatti, akka waan laalamuu taanee ni muldhanna.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi, nu'u ergantoota akka worra du'a itti muranee gara itti ijjeefamanu geeffamanuu, worra gadee waan nu godhe seya. Tanaaf biyya lafaa irratti ergantoota Waaqaatii fi fuula namaa duratti akka waan daaw'ii teenee mudhanna.