1 Corinthians 5:1 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Amma, sagaagalummaan worra Waaqa malee le'u oddu'uttu hin godhamin, odduu teessanitti akka jirtu odeeffamaara. Nami niitii abbaa ifii akka niiti'ii godhateeru jira.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hameenna algalooma hama, ka worri Waaqa imbeenneleeni intolchineti jiddu teesani jira jed'ani. Waan ani d'agaye, nami toko niiti abba isaa barate jed'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka hammeennii shaarmuxoomaa hamaan, warrii Waaqaa hinbeenneeyyuu tolchne jidduu teessan jiru la dhagaye. Nama tokko ka niitii abbaa ufii barateetti isan keessa jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dubbii gabaaba'aan isin jidduu seebaruun akka jiru hin odeeffama; seebaruun akkanaa kun worra hin amanne worra Yihuudii hin taane keessattuu waan hin argamne; waan namni haadha manaa abbaa ufii fuudhe jiruuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dubbii gababa'aan isin jidduu seebaruun akka jiru hin odeeffama; seebaruun akkanaa kun worra hin amanne worra Yihuudii hin taane keessattuu waan hin argamne waan namni haadha manaa abbaa ufii fuudhe jiruuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Jidduu keessantti saalfachiisaan hujiin sagaagalumma'aa jiraachuun isaa ni odeeffama, hujiin sagaagalummaa akkanaa kun Ummatuma Waaqa dhuga'aa titti hin amanne jiddu'utti'llee ka hin raawwataminne, kun'llee haadha worraa abbaa isaa haadha worraa isaa taasisee ka jiraatu ni jira jedhamee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Amma, sagaagalummaan worra Waaqa malee le'u oddu'uttuu hin godhamin, odduu teessanitti akka jirtu odeeffamaara. Nami niitii abbaa ifii haadiqqoo ifii akka niiti'ii godhateeru jira.