1 Corinthians 5:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Akkas jechuun kiyya guutuma guutu'utti worra Waaqa malee le'anu sagaagaltoota, yookiin joljoltoota, yookiin hattoota, yookiin worra waaqota dharaa waaqonsanuun hin lansoomina'a jechu'uu moti. Adoo akkas teetee jiraatte biyya lafaa keessaa bawuu qaddaniiyyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini worra Waaqa imbeenne ka algalatiifi sabdifi ka seera ch'absufi ka waan harkaani boch'ani kad'atu injenne. Yo worra kana lagatani lafa keesaa bahu maltani!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin warra Waaqaa hin beenne shaarmuxa, sabdii seera cabsuu fi ka waan harkaan bochan kadhatu hinjenne. Yo warra kana lagattan lafa keessaa ba'uu maltan!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Wolumaagalatti seebartoota adunyaa tanaa yookaan worra horii dharra'an, saamtota yookaan worra waaqa tolfamaa waaqeffatan woliin wolii hin galinaa'a hin jenne; kana jechu'uu miti. Uduu akkana ta'ee, sirima adunyaa kana keessaa bayu'utu isin barbaachisa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Wolumaagalatti, seebartoota adunyaa tanaa yookiin worra horii dharra'an, samtoota yookiin worra waaqa tolfamaa kaddaaman woliin wolii hin galinaa'a hin jenne; kana jecho'oo miti. Uduu akkana ta'ee, sirima adunyaa kana keessaa bayu'utu isin barbaachisa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kana'llee yoo jedhu wolumaagalaan sagaagalttoota biyya lafa kanaa yookiin namoota haafayoota yookiin hattoota yookiin Waaqa harkaan hojjatame waaqeffattoota woliin hin hirmmaatinaa jechuu kiyyaa miti, akkana yoo ta'e ammoo biyya lafaa keessaa bayuu isin barbaachisa ture jechu'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkas jechuun kiyya guutuma guutu'utti worra Waaqa malee le'anu sagaagaltoota, yookiin joljoltoota, yookiin hattoota, yookiin worra waaqota dharaa waaqonsanuun hin lansoomina'a jechu'uu moti. Adoo akkas teetee jiraatte biyya lafaa keessaa bawuu qaddaniiyyu.