1 Corinthians 5:11 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani ammoo nama ifiin ani dhugeeffadheera jedhaa sagaagalu, yookiin joljolu, yookiin waaqota dharaa waaqonsu, yookiin maqaa namaa balleessu, yookiin machowu, yookiin hatuun hin lansoomina'a jedhee isinii barreesse. Nama akkanaa wolille'een hin nyaatina'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti anini jechu jiru tana: nama oboleesa ufiini jed'e, ammo algalooma deeme, sabdae, waan harkaani boch'ani kad'ate, nama arabse, machae, seera ch'absu lagad'a. Nama akana sagalele woliini inyaatiina.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii anin jechuu jiru, nama “Anin la dhugeeffadhe” ufiin jedhee, ammoo shaarmuxooma deemee, sabdaa'ee, waan harkaan bocan kadhatee, nama arabsee, machaa'ee, hattuu lagadhaa! Nama akkanaa sagalee waliin hin nyaatiinaa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo worra obboloota jedhaman keessaa tokko seebaraa, yookaan ka horii dharra'u, yookaan ka waaqa tolfamaa waaqeffatu, yookaan ka nama arrabsu, yookaan machaayaa, yookaan saamaa yoo ta'e isa woliin akka wolii hin galle isinii barreessa. Nama akkanaa kanniin woliin nyaatumallee hin nyaatinaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo obboloota worra jedhaman keessaa tokko, seebaraa yookiin ka horii dharra'u yookiin ka waaqa tolfamaa kaddaamu yookiin ka nama arrabsu yookiin machaayaa yookiin saamaa yoo ta'e, isa woliin akka wolii hin galle isinii barreessa. Nama akkanaa kanniin woliin nyaatumallee hin nyaatinaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ani garuu ka isiniif barreesse Kirstaanota jedhamanii worra sagaagalan, yookiin worra haafayan, yookiin worra Waaqa harkaan hojjatame waaqeffatan, yookiin maqaa namaa worra balleessan, yookiin worra machaayan, yookiin saamttotaan woliin hin hirmmaatinaa jedheeti. Namoota akkana jiran kanniin woliin, nyaata woliin hin nyaatnaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani ammoo nama ifiin ani dhugeeffadheera jedhaa sagaagalu, yookiin joljolu, yookiin waaqota dharaa waaqonsu, yookiin maqaa namaa balleessu, yookiin machowu, yookiin hatuun hin lansoomina'a jedhee isinii barreesse. Nama akkanaa wolille'een hin nyaatina'a.