1 Corinthians 5:2 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre, wonni fokkoo akkanaa odduu teessan jirtuun hin gadditan malee, attam koortan? Nama akkasii odduu tessaniin baasa'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yoosi, maafi ufi guddiftani? Ammo sila lalefachu maltani, nama waan akana kana tolche jiddu teesani keesaa balleesu malani!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Maaf ufi guddiftan ree? silaa fulaa ufii guddiftan laaleffatanii nama waan akkanaa kana tolche ufii keessaa balleessuu maltan!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin uf jajjaniirtan, guddiftanii gadduu isin hin barbaachisuu? ka hujii kana hojjate uf keessaa baasaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isinillee uf jajjaniirtan, guddiftanii gadduu isin hin barbaachisuu? ka hujii kana hojjate uf keessaa baasaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eegaa wonitti qaanessaan akkanaa kun jidduu keessan uduu jiru, maali'iif ufi jajan ree? Kana irraa waan kanaan gadduun isin irra hin jiru moo? Hujii akkanaa kana nama raawwatu jidduu keessan dhabamisiisaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre, wonni fokkoo akkanaa odduu teessan jirtuun hin gadditan malee, attam koortan? Nama akkasii odduu teessaniin baasa'a.