1 Corinthians 5:3 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani nafa kiyyaan isin bira jiraadhuu dhabulle, ayyaanaan haga ammaa isin bira jira; akka isin bira jiruutti te'e nama waan farra akkasii hujee irratti maqaa Goottaa Yesuusiitiin ani itti mureera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini ato nafaani isani ira fago jiraad'ele, lubbuuni tiyya isani woliini jirti; ammalle maqa Aabbo Yesotiini anini ya nama waan hamtu kana tolche wollaala iti mure, akuma waan anini isani woliini jiru.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin adoo nafaan isan irraa fagoo jiraadheellee, hafuurii kiiyya isan waliin jira; ammallee anin akkuma waan isan waliin jiruu nama waan hamtuu akkanaa kana tolchee, ya wallaala itti mure.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani yoma fooniin isin woliin hin taanellee ayyaanaan isin woliin jira;
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani yoma fooniin isin woliin hin taanellee; ayyaanaan isin woliin jira; Isin woliin akkuma waan jiruu ta'ee, nama waan kana hojjate irratti maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin amma itti murteesseera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yoma ani qaama fooniitiin isin woliin jiraachuu dhabe'llee, hafuuraan garuu isin woliin ni jira, akkuma waan isin woliin jiruu ta'ee hujii bifa kana nama raawwate irratti, maqaa Gooftaa Yesus Kristositiin itti murteessee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani nafa kiyyaan isin bira jiraadhuu dhabulle, ayyaanaan haga ammaa isin bira jira; akka isin bira jiruutitti te'ee nama waan farra akkasii huje irratti maqaa Goottaa Yesuusiitiin ani itti mureera.