1 Corinthians 5:7 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Akkuma amma jirtanutti akka bukoo hareyaa ta uukoo ifi keessaa hin qannee akka teetanu, uukoo dullattii ifi keessaa gata'a. Hooleen Jila Irra Dabarama keennaa Kiristoos woreegameera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Bukho dullati tana balleesa, aka qulqullo taatani. Yoosi aka qit'a hareesa ka bukho inqamne taatani, akuma isani d'uguma jirtani. Wonti akanatiifi jilti teenna ta Pasaka ya kurfoofte, Kristo hoola keenna ka Pasaka ya qalani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Bukoo dullattii isan keessa jirtuu balleessaa! Akka qulqulloo taatan. Yoos akka qixxaa haareesaa bukoo hinqamne taatanii, akkuma isanii dhugaa jirtan. Wantii akkanaatiif jiltii teenna ta dabrsaa ya kurfoofte, Kiristoo hoolaa keenna ka dabrsaa ya qalan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa raacitii malee akka jirtan, bukoo haarawa akka taatan, raacitii moofaa uf keessaa balleessaa'a. Faasikaan keenna Kiristoos waan qalameeruuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eeganaa raacitii malee akka jirtan, bukoo haarawa akka taatan, raacitii moofaa uf keessaa balleessaa'a. Faasikaan keenna Kiristoos waan qalameeruuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma amma taatan mara akka miciqaa shiishaan keessa hin jirree akka miciqaa haarawaa akka taataniif shiishaa moofaa dhabamisiisaa, hoolaa keenna ka Faasika'aa ka ta'e Kristos kitimamee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkuma amma jirtanutti akka bukoo haareyaa ta uukoo ifi keessaa hin qannee akka teetanu, uukoo dullattii ifi keessaa gata'a. Hooleen Jila Irra Dabarama keennaa Kiristoos woreegameera.