1 Corinthians 5:8 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Tanaaf Jila Irra Dabarama keennaa, uukoo dullattii ta cubbu'uu fi hammeena qadduun adoo hin te'in, xaltaa qullumma'aatii fi dhuga'aatiin ka uukoo hin qanneen kowa'a ulfeessina.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Koota, amma sagale jila teenna nyaanna, qit'a bukho dullati qabu inyaannu, ka dabaafi hameenna qabu; ammo qit'a bukho inqamne, qit'a qulqullo ka d'ugaa nyaanna.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Koottaa amma qixxaa bukoo dullattii qabu hin nyaannuu, sagalee jila teennaa nyaannaa, ka dabaa fi hameenna qabu; ammoo qixxaa bukoo hinqamne, qulqulloo dhugaa nyaannaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaaf qajeellumma'aa fi dhuga'aan Ayyaana xorosho'oo haa goonuu malee raacitii moofaa dharaa fi dhiibba'aatiinii miti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaaf qajeellumma'aa fi dhuga'aan Ayyaana xorosho'oo haa goonnuu malee, raacitii moofaa dharaaf dhiibba'aatiinii miti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf dabaa fi hammeenni ka itti guuttame shiishaa moofa'aan uduu hin ta'in, shiishaan ka keessa hin jirre qixxaa qajeelumaatii fi dhuga'aatiin ka shiishaan keessa hin jirreen, ayyaana keenna haa kabajannuu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf Jila Irra Dabarama keennaa, uukoo dullattii ta cubbu'uu fi hammeenna qadduun adoo hin te'in, xaltaa qullumma'aatii fi dhuga'aatiin ka uukoo hin qanneen kowa'a ulfeessina.