1 Corinthians 6:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
yookiin hattooti yookiin joljoltooti, yookiin ka machowu yookiin worri maqaa namaa balleessu, yookiin worri saamu Mootummaa Waaqaa hin dhaalu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
yokhaani hattufi sabdiini yokhaani nami machaufi ka nama arabsufi ka nama sobe wo fud'atu, worri kunini tokoleeni Finna Waaqa inargatu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
yokaan hattuu fi sabdiin yokaan namii machaa'uu ka nama arrabsuu fi ka nama sobee wa fudhatu, warrii kunin tokkolleen mootummaa Waaqaa hinargatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yookaan hattoonni, yookaan worri horii dharra'an, yookaan worri machaayan, yookaan worri nama arrabsan, yookaan saamtonni jeennata Rabbii hin galan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yookiin hattoonni yookiin worri horii dharra'an yookiin worri machaayan yookiin worri nama arrabsan yookiin saamtoonni jeennata Rabbii hin galan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
yookiin hattoota, yookiin haafayoota, yookiin machoofttota, yookiin worra maqaa namaa balleessan, yookiin saamttonni, Mootummaa Waaqaa hin dhaalan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
yookiin hattooti yookiin joljoltooti, yookiin ka machowu yookiin worri maqaa namaa balleessu, yookiin worri saamu Mootummaa Waaqaa hin dhaalu.