1 Corinthians 6:13 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nami dhibiin, “Sagaleen gadha'aaf, gadhaalle sagale'eef” jedhuu dande'a. Waaqi ammoo waan kana lamaanuu hin balleessa. Nafi keenna Goottaa tajaajilu'uuf, Goottaalle nafa kunuunsu'uuf malee, nafa sagaagalaaf itti fayyadamuu hin qannu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami d'ibiini, Sagaleeni garaa malte, garaaleeni sagale male jed'a. Ammo Waaqi waan suni lachu imballeesa. Nafi namaa ka hameennaatiniti, ammo ka Aabbooti; Aabboleeni ka nafaati.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii dhibiin, “Sagaleen garaa malte, garaalleen sagalee male” jedha. Waaqii ammoo waan sun lachuu inballeessa. Nafii namaa ka hameennaatinitii, ka Aabbooti; Aabboolleen ka nafaati.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi ammo kanallee sanillee hin balleessa. Nafti keenna Gooftaa tajaajilu'uuf; Gooftaanillee nafa kunuunsu'uuf malee, ittiin seebaruu hin barbaachisu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Rabbi ammo kanallee sanillee hin balleessa. Nafti keenna Gooftaa tajaajilu'uuf Gooftaanillee nafa kunuunsu'uuf malee, ittiin seebaruu hin barbaachisu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Nyaanni gara'aaf, garaan'llee nyaataaf» Eegaa, Waaqinni nyaataa fi garaa'llee ni balleessa, garuu qaaminni keenna Gooftaa Yesusiif, Gooftaan Yesus'llee qaama keennaaf waan ta'eef, qaama keenna sagaagalumma'aaf oolichuun hin malu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami dhibiin, «Sagaleen gadha'aaf, gadhaalle sagale'eef» jedhuu dande'a. Waaqi ammoo waan kana lamaanuu hin balleessa. Nafi keenna Goottaa tajaajilu'uuf, Goottaalle nafa kunuunsu'uuf malee, nafa sagaagalaaf itti fayyadamuu hin qannu.