1 Corinthians 6:16 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nami dubartii sagaagaltitti'iin wolitti maxxane nafi isaa ka isi'iitiin tokko akka te'e hin beettanuu? Barreeffam Woyyichi, “Isaan lamaanuu foon tokkocha te'an” jedha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yokhaani aka nami sharmut'a woliini rafe nafa isaatiifi ka isii takaa tolchu imbeetani? T'aafiini diideesite himti, Worri lamaani takaa taha jetti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yokaan akka namii shaarmuxaan walti maxxanee rafe nafa isaatii fi ka isii takkaa tolchu hinbeettanii? Barreessiin diideesiteetti, “Warrii lachuu takkaa taha” jettee himti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mo'o ka seebartootaan wol ta'u foon tokko akka ta'u hin beettanii? «Lachuu foon tokko ta'an» waan jedhameeruuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Moo ka seebartootaan wol ta'u foon tokko akka ta'u hin beettanii? «Lachuu foon tokko ta'an» waan jedhameeruuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dubarttii sagaalttuu woliin naminni wol qunnamu isii woliin qaama tokko ta'uu isaa ni beekittanii mitii ree? «Lamaanuu qaama tokko ni ta'an» jedhamee, barreeffamee jiraatii.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami dubartii sagaagaltitti'iin wolitti maxxane nafi isaa ka isi'iitiin tokko akka te'e hin beettanuu? Barreeffam Woyyichi, «Isaan lamaanuu foon tokkocha te'an» jedha.