1 Corinthians 6:18 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Sagaagalummaa irraa fagaadha'a. Cubbuun dhibiin nami huju nafa namaa hin tuxxu; nami sagaagalu ammoo nafa ifii irratti cubbuu huja.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Huji sharmut'oma lagad'a. Dabi d'ibiini nami tolchu tokoleeni nafa woma intolchu; ammo nami sharmut'oma deemu nafa ufiti daba.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Hujii shaarmuxoomaa lagadhaa! Cubbuun dhibiin namii hojjatu tokkolleen nafa homaa hintolchitu; ammoo namii shaarmuxoomaa deemu nafa ufiitti cubbama.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Seebaruu irraa dheessaa'a. Namni cubbuu hojjatu maruu fooniin ala. Ka seebaru ammo foon ufii irratti cubbuu hojjata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Seebaruu irraa dheessaa'a. Namni cubbuu hojjatu maruu fooniin ala. Ka seebaru ammoo foon ufii irratti cubbuu hojjata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf sagaagalummaa irraa fagaadhaa, cubbuun naminni raawwatu ka bira'aa marrinuu qaama isaatiin alatti ka raawwatamu, sagaagalummaa naminni raawwatu garuu qaama mataa isaa irratti cubbuu hojjata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sagaagalummaa irraa fagaadha'a. Cubbuun dhibiin nami huju nafa namaa hin tuxxu; nami sagaagalu ammoo nafa ifii irratti cubbuu huja.