1 Corinthians 6:5 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akka isin fokkiffatanuuf ani tana jedhaara. Nami qaroon wol dhaba obboleeyyaniititti muru wodhakkaa teessan hin jiruu?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan ch'eeraa taatani! Nami qalbi qabu ka dandae wolti isani araarsu tokoleeni gumi teesani keesa injiru?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waan ceeraa taatan! Namii qalbii qabu ka danda'ee walti isan araarsu tokkolleen gumii teessan keessa hinjiruu?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin saalffachiisu'uuf kana jedha. Akkanumaa? Obboloota jiddu'uu ka manguddoo ta'uu danda'u namni hayyuun tokko isin biratti hin argamuu?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin saalffachiisu'uuf kana jedha. Akkanumaa? Obboloota jiddu'uu manguddoo ta'uu ka danda'u namni hayyuun tokko isin birratti hin argamuu?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kana ka jedhu'uuf akka saalfattaniif jedheeti, haa ta'u malee obboleeyyan jiddu'utti murtii kennu'uuf ka danda'u jaarssi hubattanii hin argamu moo?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akka isin fokkifattanuuf ani tana jedhaara. Nami qaroon wol dhaba obboleeyyaniititti muru wodhakkaa teessan hin jiruu?