1 Corinthians 7:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worra dhibi'iin ammoo Goottaa adoo hin te'in, ani akkana jedha. Nami dhugeeffate tokko niitii hin dhugeeffatin yoo qabaatee isiin isa woliin le'iisa jaalatte, inni isii hin lakkisin.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worra d'ibiini anini waan jed'u (anati jed'e male, Aabbooniti): yo nami Kristiana toko niiti ind'ugefanne qabaate, duuba isiini isa woliini tau feete, inni niiti suni lakisu himmalle.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warra dhibiin ammoo Aabboo adoo hinta'in anin waan jedhuun, namii Kiristaanaa tokko yo niitii hindhugeeffanne qabaatee, duuba isiin isa waliin taa'u feetee, innii niitii sun lakkisuu hinmalle.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani kaawwaniinillee akkana jedha, Goofta'aa miti, worra dhiiraa keessaa ka haadha manaa hin amanne qabu yoo jiraate, isiinillee yoo isa woliin jiraatuu jaalatte, akka hin dhiifneen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani kaawwaniinillee akkana jedha, Goofta'aa miti, worra dhiiraa keessaa ka haadha manaa hin amanne qabu yoo jiraate, isiinillee isa woliin jiraatuu yoo jaalatte, akka hin dhiifneen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kaanniiniif garuu Gooftaa uduu hin ta'in ani mataan kiyya ka jedhu akkana, naminni kristaanaa tokko haadha worraa ta kristaana hin ta'in yoo qabaatee fi isa woliin jiraachu'uuf yoo barbaadde isii hin hiikin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worra dhibi'iin ammoo Goottaa adoo hin te'in, ani akkana jedha. Nami dhugeeffate tokko niitii hin dhugeeffatin yoo qabaatee isiin isa woliin le'iisa jaalatte, inni isii hin lakkisin.