1 Corinthians 7:14 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Abbaan manaa ka hin dhugeeffatin karaa haadha manaa ta dhugeeffatteetiin Waaqaa biratti fudhatama qabaata; haati manaa ta hin dhugeeffatinille karaa abbaa manaa ka dhugeeffateetiin Waaqa biratti fudhatama qabaatti. Yoo akkas te'uu dhadde, ijoolleen teessan nama Waaqaa te'uu hin dandeettu. Akka kana yoo leetane ammoo, ijoolleen teessan nama Waaqaa hin teeti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akasitiifi d'iirsi ind'ugefanne niiti ufitiini qulqullaa, akasuma niiti ind'ugefanneleeni d'iirsa ufitiini qulqulloofti. Yo sila akasi intahiini ijoolleeni worraa aka ta worra Waaqa imbeenne taati; ammo amma ya qulqulloofte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii akkasitiif dhiirsii hindhugeeffanne niitii ufitiin qulqullaa, akkasuma niitii hindhugeeffanneelleen dhiirsa ufitiin qulqulloofti. Yo silaa akkas hintahiin ijoolleen warraa akka ta warra Waaqaa hinbeennee taati; amma ammo ya qulqulloofte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Abbaan manaa hin amanin haadha manaatiin woyyoomeera; haati manaa hin amannellee abbaa manaa ufiitiin woyyoomteerti; akkas ta'uu baannaan ijoolleen isaanii battoota; amma ammo woyyoota.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Abbaan manaa hin amaniin haadha manaatiin woyyoomeera, haati manaa hin amannellee abbaa manaa ufiitiin woyyoomteerti akkas ta'uu baannaan ijoolleen isaanii battoota; amma ammoo woyyoota.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Abbaan worraa ka kristaana hin ta'in sababaa haadha worraa isaa ta kristaana taateetiin nama Waaqaa ni ta'a, haati worraa ta kristaana hin ta'in'llee waayee abbaa worraa isi'ii ka kristaana ta'eetiin, nama Waaqaa ni taati, akkana ta'uu yoo dhabate ammoo, ijoolleen keessan ijoollee Waaqaa ta'uuf hin danda'an, bifa kanaan yoo jiraattan ijoolleen keessan namoota Waaqaati.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Abbaan manaa ka hin dhugeeffatin karaa haadha manaa ta dhugeeffatteetiin Waaqaa biratti fudhatama qabaata; haati manaa ta hin dhugeeffatinille karaa abbaa manaa ka dhugeeffateetin Waaqa biratti fudhatama qabaatti. Yoo akkas te'uu dhadde, ijoolleen teessan nama Waaqaa te'uu hin dandeettu. Akka kana yoo leetane ammoo, ijoolleen teessan nama Waaqaa hin teeti.