1 Corinthians 7:15 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isin keessaa ka hin dhugeeffatin gargar bayiisa yoo fedhe bayuu ti. Dhirsi dhugeeffataa te'e yookiin niitiin dhugeeffattuu teete, haala akkasiitiin hin hidhamanu. Waaqi nageyaan akka leetanu isin waame.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo yo ka ind'ugefanne suni wahela isaa ka d'ugefate lakisu fed'e, ha akasi tolchuuti. Yo akasi taate namichi Kristianatiifi yokhaani niitiini Kristianaleeni ha waan fed'ani tolchaniiti. Wonti akasitiifi Waaqi isanii nagayaani teetani fed'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isan keessaa namii hindhugeeffatin yo waahela ufitiin gargarii ba'uu fedhee, ammoo gargarii ba'uu indanda'aa. Yo akkas taatee namicha dhugeeffatee fi niitiin dhugeeffatteelleen ha waan fedhan tolchaniitii; waan Waaqi jireena nagaatiif isan yaameef.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka hin amanne ammo yoo fooyame haa fooyamuu; dhiirti yookaan intalti waan kana keessatti hin hidhamin. Rabbi ammo nagayaaf nu waameera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka hin amanne ammoo yoo fooyame haa fooyamuu; dhiirti yookiin intalti waan kana keessatti hin hidhamin. Rabbi ammoo nagayaaf nu waameera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garri kristaana hin ta'in fooyamuu yoo barbaade haa fooyamu, yeroo kanatti garuu garri kristaana ta'e abbaa worraa ta'ee haadha worraa, dirqama bifa kamiitiinuu hin qabamu. Waaqinni ka nu waameef nagayaan akka jiraannuuf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin keessaa ka hin dhugeeffatin gargar bayiisa yoo fedhe bayuu ti. Dhirsi dhugeeffataa te'e yookiin niitiin dhugeeffattuu teete, haala akkasiitiin hin hidhamanu. Waaqi nageyaan akka leetanu isin waame.