1 Corinthians 7:17 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Tokko tokkoon keessan akkuma keennansa Goottaan isinii kennee fi akkuma yennaa Waaqi isin waame jirtanutti jiraadha'a. Kun seera ani wolde'a kiristaanaa duudii keessatti barsiisu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami ch'ufti kenniti Waaqi isaa kenne gula tau male, ammalle akuma gaafa Waaqi isa yaame jiru tau male. Seeri anini gumi ch'ufa barsiisu kana.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii mana kadhaa cuftii kennamsa Waaqii isaa kenne gula jiraachuu male, ammallee akkuma gaafa Waaqii isa yaame jiru jiraachuu male. Seerii anin gumii cufaa barsiisu kana.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin maruu akkuma kennaa Gooftaan isinii kenneetii fi akkuma hennaa Rabbi isin waamee jiraattaniititti jiraadhaa'a. Ajanyi ani tokkummaa woldaa Kiristaanaatii kennu kanuma.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin maruu akkuma kennaa Gooftaan isinii kenneetiif akkuma hennaa Rabbi isin waamee jiraattaniititti jiraadhaa'a. Ajanyi ani tokkummaa woldaa Kiristaanaatii kennu kanuma.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Tokkoon tokkoonuu kennaa Gooftaan isaa kennee fi haala yeroo Waaqinni isa waame keessa tureen haa jiraatu, qajeelchi woldaya amanttootaa maraaf kenne kana.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tokko tokkoon keessan akkuma kennansa Goottaan isinii kennee fi akkuma yennaa Waaqi isin waame jirtanutti jiraadha'a. Kun seera ani wolde'a kiristaanaa duudii keessatti barsiisu.