1 Corinthians 7:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nami haqanqabaa qabateen duuba yoo Waaqaan waamame, akka haqanqabaa qabatee hin jirree hin te'in; yoo haqanqabaa qabatee hin jiraatin Waaqaan waamamee jiraate haqanqabaa qabatiisaa hin barbaadin.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo nami qabanqaba qaabate yaamicha Waaqa d'agaye, gadaanisa qabanqaba ufira balleesu himmalle; ammalle yo nami qabanqaba inqabatini yaamicha Waaqa d'agaye inni qabanqaba qabachu himmalle.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii egii dhaqaanqabaa qaabatee yaamicha Waaqaa dhagayee, gadaannisa dhaqaanqabaa ufirraa balleessuu hinmalle; ammallee namii dhaqaanqabaa hinqabatin yo yaamicha Waaqaa dhagayee, innii dhaqaanqabaa qabachuu hinmalle.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni haga gadoomeen maayii yoo Rabbiin waamame akka nama gadoomee hin ta'in. Yoo uduu hin gadoomne Rabbiin waamamee jiraate, gadoomuun isa hin barbaachisu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namni haga gadoomeen maayii yoo Rabbiin waamame akka nama gadoomee hin ta'in. Yoo uduu hin gadoomne Rabbiin waamamee jiraate, gadoomuun isa hin barbaachisu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Naminni kumi'llee eega gadoomeen duubatti ka waamame yoo ta'e akka waan hin gadoominii ta'uuf hin yaadin, uduu hin gadoomin ka waamame yoo ta'e'llee, gadoomuu hin barbaadin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami haqanqabaa qabateen duuba yoo Waaqaan waamame, akka haqanqabaa qabatee hin jirree hin te'in; yoo haqanqabaa qabatee hin jiraatin Waaqaan waamamee jiraate haqanqabaa qabatiisaa hin barbaadin.