1 Corinthians 7:24 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Obboleeyyan tiyya! Nami tokko tokkonuu yennaa waamame akka jirutti Waaqa woliin jiraatuu ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Oboleyaani, nami ch'ufti ha akuma gaafa duri yaamani jiru Waaqa woliini tahuuti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Obboleeyyaan, namii cuftii ha akkuma gaafa durii yaaman jiru Waaqaa waliin jiraatuutii.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Obboleeyyan tiyya! Martinuu akkuma itti waamametti akkasuma ta'ee Rabbiin woliin haa jiraatuu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Obboleeyyan tiyya! Martinuu akkuma itti waamametti akkasuma ta'ee Rabbiin woliin haa jiraatuu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf yaa obboleeyyan tokkoon tokkoon namaa haala yeroo waamame irra tureen, Waaqaan woliin achuma haa jiraatu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Obboleeyyan tiyya! Nami tokko tokkonuu yennaa waamame akka jirutti Waaqa woliin jiraatuu ti.