1 Corinthians 7:25 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Amma marroo worra hin fuudhinii fi hin heerumin jiranuu, Goottaan ajaja anaaf hin kennine. Ani ammoo, akka nama marartii Gootta'aa dhaggatee addatamaa te'eetitti, yaada kiyya isintti kenna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Amma waan uwaafi d'iira ka woli infuud'iini ka isani, nati t'aaftani: wonti isaani ka Aabbooni nati hime injirtu, ammo aka nama naasu Aabbootiini d'ugefachu malani jed'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Amma waan uwwaa fi dhiira wali hinfuudhiinii ka isan natti barreesitanii, wantii isaani ka Aabboon natti hime hinjirtuu, ammoo akka nama naasuu Aabbootiin dhugeeffachuu malanii jedha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan qeerro'ootii fi qeerritti'ii Gooftaan ajaja natti hin kennine. Ani ammo akka nama araara Goofta'aa argatee abdatameetitti gorsa kana isin gorsa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Waan qerro'otiif qeerritti'ii Gooftaan ajaja nati hin kennine. Ani ammoo akka nama araara Goofta'aa argatee abdatameetitti gorsa kana isin gorsa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waayee namoota hin fuudhiniitiif ajaja Gooftaa irraa fudhadhe hin qabu, garuu akkaataa dhiifama Goofta'aatiin ka amaniti'iin narratti kaayamu akka ta'uu kiyyaatiin, yaadinni mataa kiyyaa akkaataa itti aanee jiru kana,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Amma marroo worra hin fuudhinii fi hin heerumin jiranuu, Goottaan ajaja naaf hin kennine. Ani ammoo, akka nama marartii Gootta'aa dhaggatee addatamaa te'eetitti, yaada kiyya isinitti kenna.