1 Corinthians 7:28 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yoo fuute ammoo, cubbuu hujje jechuu kiyyaa moti; akkasuma durrittiin takka yoo heerunte cubbuu hujje jechuu kiyyaa moti. Te'uu malee worri fuudhuu fi heerumu biyya lafaa tana irratti rakkoo le'ii hedduu qabaatan; ani ammoo, rakkinna kana jalaa akka baatanuuf jedhee isin gorsa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo yo dubra fuute daba intolchine; ammalle yo dubra fuud'ani, isiini daba intolchine. Ammo anini gaargala guyya ch'ufa ka jari kunini argatu isani lagu fed'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo yo dubra fuute cubbuu hin hojjanne; ammallee dubratiilleen yo fuudhan, cubbuu hinhojjane. Anin ammoo rakkinna warrii fuudhanii fi ka fuudhuulleen guyyaa cufaa argatu kana isan laguu fedha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Qeerrichi yoo fuudhe cubbuu hin hojjatu. Qeerrittiinillee yoo heerumte cubbuu hin hojjattu. Haa ta'uu ammo adunyaa tana irratti worri fuudhanii fi worri heeruman jireenna isaanii keessatti rakkoo heddu qaban. Ani ammo akka rakkinna kana jalaa baataniif jedhee isin gorsa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Qeerrichi yoo fuudhe cubbuu hin hojjatu. Qeerrittiinillee yoo heerumte cubbuu hin hojjattu. Haata'uu ammo adunyaa tana irratti worri fuudhanii fi heeruman, jireenna isaanii keessatti rakkoo heddu qaban. Ani ammoo rakkinna kana jalaa akka baataniif jedhee isin gorsa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu ati haadha worraa yoo fuute cubbuu sitti ta'a jechu'uu miti, akkuma kana durbbi duudaan takka abbaa worraa titti yoo heerumtte, cubbuu isi'itti ta'a jechu'uu miti. Haa ta'u malee namoonni fuudhan biyya lafaa kanatti rakkinni jireenni baayi'een isaan ni qunnama, hawwiin kiyya'llee rakkinna kana jalaa akka baataniif.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yoo fuute ammoo, cubbuu hujje jechuu kiyyaa moti; akkasuma durrittiin takka yoo heerumte cubbuu hujje jechuu kiyyaa moti. Te'uu malee worri fuudhuu fi heerumu biyya lafaa tana irratti rakkoo le'ii hedduu qabaatan; ani ammoo, rakkinna kana jalaa akka baatanuuf jedhee isin gorsa.