1 Corinthians 7:3 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Dhirsi haqa niitii ifii ka dhirsumma'aa hin dhooggatin; niitiille haqa dhirsa ifii ka niitumma'aa hin dhooggatin.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'iirti ha huji ufi ta d'iirsa guutuuti, nad'eeni ha huji ufi ta uwa guutuuti, namu ch'ufti woli quufsu male.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Dhiirtii ha hujii ufii ta dhiirsaa niitii ufiitii guuttuutii, nadheen ha hujii ufii ta uwwaa dhiirsa ufiitii guuttuutii, namu cuftii wali quufsu male.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Abbaan manaa haadha manaa ufiitiif waan isi'iif ta'u haa godhuufii; akkasuma ammo haati manaa abbaa manaa ufiitii.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Abbaan manaa haadha manaa ufiitiif waan isi'iif ta'u haa godhuufii, akkasuma ammoo haati manaa abbaa manaa ufiitii.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Abbaan worraa haadha worraa isaatiif raawwachuu ka qabu mirga isi'ii ka fuudhaa heerumaa hin dhoogatiniin, akkuma kana haati worraa abbaa worraa isiitiif raawwachuu ka qabddu, mirga isaa ka fuudhaa hin dhoogatiniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dhirsi haqa niitii ifii ka dhirsumma'aa hin dhooggatin; niitiille haqa dhirsa ifii ka niitumma'aa hin dhooggatin.