1 Corinthians 7:31 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri karra biyya lafaatitti fayyadamu akka womaa hin fayyadanee te'ee le'uu ti. Sababille biyyi lafaa tun hin tarti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
worri wo gurguru aka waan woma ira inqamne ha yauti. Wonti akanatiifi lafti tunini aka jirtu kanati guddo inturtu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
warrii wa gurguru akka waan homaa irraa hinqamnee ha yaa'utii. Wantii akkanaatiif laftii tunin akka jirtu kanaatti guddoo hinturtu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri adunyaa tanattillee fayyadaman maruu akka waan hin fayyadamnee haa ta'an. Bifti adunyaa tanaa waan luftuuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri adunyaa tanattillee fayyadaman maruu akka waan hin fayyadamne haata'an. Biftii adunyaa tanaa waan luftuuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Qabeenna biyya lafaa kanatti ka fayyadaman marrinuu, akka waan itti hin fayyadaminnee ta'anii haa jiraatan, haalli biyya lafaa ka ammaa kun dabrra'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri karra biyya lafaatitti fayyadamu akka womaa hin fayyadannee te'ee le'uu ti. Sababille biyyi lafaa tun hin tarti.