1 Corinthians 7:34 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akka kanaan yaadi isaa addee lamatti qoodameera. Dubartiin hin heerumin yookiin durrittiin takka nafaa fi ayyaanaan woyyoontee ta Gootta'aa te'iisa waan barbaadduuf, yaadi isi'ii hujii Gootta'aatiif haajama; dubartiin heerunte ammoo, dhirsa ifii gammachiisiisaaf waan barbaadduuf waan biyya lafaatiif haajanti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
tanaafi moga lama gula isa hirkisani. Niitiini d'iirsa inqamne yokhaani intalti dubra huji Aabbo hereddi, maro isiini nafafi lubbu ufi Aabbo kennu feetuufi. Ammo niitiini d'iirsa qabdu waan lafa hereddi, maro isiini d'iirsa ufi gammachiisu feetuufi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
tanaaf moggaa lama gula isa hirkisan. Niitiin dhiirsa hinqamne yokaan intaltii dubraa marroo nafaa fi hafuura ufii Aabboo kennuu feetuuf, hujii Aabboo herreddi. Niitiin dhiirsa qabdu ammoo marroo dhiirsa ufii gammachiisuu feetuuf waan lafaa herreddi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dubartiin hin heerumne yookaan durbii duudaan fooniinillee Ayyaanaan akka woyyoomaniif waan Goofta'aa yaadan. Ta heerumte ammo attamitti akka abbaa manaa ufii gammachiiftu waan adunyaa tanaa yaaddi.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dubartiin hin heerumne yookiin durbii duudaan fooniinillee Ayyaanaan akka woyyoomaniif waan Goofta'aa yaadan. Ta heerumte ammoo abbaa manaa ufii attamitti akka gammachiiftu waan adunyaa tanaa yaaddi.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Haala kanaan yaanni bakka lamatti qoodamee jira jechu'u. Akkuma kana dubarttiin abbaa worraa titti hin heerumin yookiin durbbi duudaan, foon isi'iitii fi lubbuu isi'iitiin'llee ta Goofta'aaf Qulqullaayome qabddu ta'uuf waan barbaadduuf, yaanni isi'ii ka xiyyeeffatu hujii Gooftaa laalu irratti. Dubarttiin heerumtte garuu gammachiisuufka yaaddu, waayee biyya lafaati.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akka kanaan yaadi isaa addee lamatti qoodameera. Dubartiin hin heerumin yookiin durrittiin takka nafaa fi ayyaanaan woyyoontee ta Gootta'aa te'iisa waan barbaadduuf, yaadi isi'ii hujii Gootta'aatiif haajama; dubartiin heerumte ammoo, dhirsa ifii gammachiisiisaaf waan barbaadduuf waan biyya lafaatiif haajanti.