1 Corinthians 7:35 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani akka isiniif toltuuf tana jedhe malee, isin hidhiisaaf moti. Isin waan sirrii te'ee fi waan male hujaa, gadhaa tokkoon tajaajila Gootta'aatiif akka ifi kennitanu fedha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini waan kana maro isani qarqaaru fed'uufi jed'a. Anini woma isani d'owu imfed'u. Ammo aka isani waan qajeelatiifi ka fullaa tolchitani, huji Aabbo garaa tokooni hojattani fed'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin waan kana marroo isan qarqaaruu fedhuuf jedha. Anin homaa isan dhowuu hinfedhu. Ammoo akka isan waan qajeelaatii fi ka fulaa tolchitanii, hujii Aabboo garaa tokkoon hojjattan fedha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanallee bu'aa keessaniif jedha; akka ta'utti akka jiraattan uduu hin saatofne Goofta'aan akka dhaabattaniif malee isinitti jabeessu'uuf jedheetii miti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanallee bu'aa mataa keessaniitiif jedha; akka ta'utti akka jiraattan uduu hin saattoofne Goofta'aan akka dhaabattaniif malee isinitti jabeesu'uuf jedheetii miti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ani kana ka isiniin jedhu siibo'oo keessa aseenttanii akka rakkattaniif jedhee uduu hin ta'in, akka fayyadamittaniif jedheeti, hawwiin kiyya'llee isin haala barbaachisaa ta'een akka jiraattanii fi yaanni keessan uduu hin baashayin, onnee teessanitti Gooftaa akka tajaajilttaniif.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani akka isiniif toltuuf tana jedhe malee, isin hidhiisaaf moti. Isin waan sirrii te'ee fi waan male hujaa, gadhaa tokkoon tajaajila Gootta'aatiif akka ifi kennitanu fedha.