1 Corinthians 7:36 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nami tokko durra kadhateeru woliin wonni godhiisatti jiru sirrii yoo itti hin fakkaatin, ganni isi'iille dabariisa yoo geyee jiraate, woli fuudhiisi isaaniille yoo sirrii itti fakkaatte akkuma fedhe san yoo fuudhe cubbuu itti hin teetu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan nama wolkad'ate, ammo eege wolfuud'u dide, ka isani nati t'aaftani, ani akana jed'a; yo namichi intala fuud'u fed'u d'araani isaa ta intala suni guddo jabdu taate, inni intala suni iraa ufi d'owu dad'abe intala suni ha fuud'u.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waan nama walkadhatee, ammoo eegee walfuudhuu didee, ka isan natti barreesitanii, ani; “Yo namichii intala fuudhuu fedhu dharraan isaa ta intala sunii irrra guddoo jabduu taatee, innii intala sun irraa ufi dhowwuu dadhabee, intala sun ha fuudhuu” jedha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo namni tokko qaadhima ufii irratti waan mishaa akka hin goone yoo yaade; ta inni qaadhimate sun yoo umuriin isi'ii heerumaaf gaye; fuudhu'uuf yoo murteesse waan jaalate haa godhuu; cubbuu waan hin taaneef wol haa fuudhanii.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo namni tokko qaadhima isaa irratti waan mishaa akka hin goone yoo yaade; ta inni qaadhimate sun umuriin isi'ii heerumaaf yoo gaye; fuudhu'uuf yoo murteesse; waan jaalate haa godhuu; cubbuu waan hin taaneef wol haa fuudhanii.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Naminni tokko qaadhimaa isaa fuudhuu dhiisu'uuf eega murtteesseen duubatti, kana raawwachuun isaa intalatti'iif waan mishaa ka hin raawwatin ta'uun yoo itti dhagayame, kanaan duubatti'llee isii fuudhu'uuf fedhiin inni qabu cimaa yoo ta'ee fi wol fuudhuun isaanii'llee sirrii yoo isatti fakkaate, akkuma hawween yoo isii fuudhe cubbuu isaatti hin ta'u, kanaaf wol haa fuudhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami tokko durra kadhateeru woliin wonni godhiisatti jiru sirrii yoo itti hin fakkaatin, ganni isi'iille dabariisa yoo geyee jiraate, woli fuudhiisi isaaniille yoo sirrii itti fakkaatte akkuma fedhe san yoo fuudhe cubbuu itti hin teetu.