1 Corinthians 7:5 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akka jabaattanee dadimattanuuf isin lamaanuu wolii galtanee yennaa murtootteef yoo teete malee, haqa dhirsaa fi niitumma'aa wol hin dhoggatin. Sababa kanaan ka ka'e ifi qabachuu dadhaddanee Seexanni akka isin hin ataanne, ammalle wolitti deebi'aa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wolind'owatiina yo haga diqa toko, aka Waaqa kad'atani wold'agetani, ee woliini jettani male, ammo eegi suni huji teesani ta d'iirsaa nitii guuta, aka ufi qorqorti d'abdani akasiini ilaalacha Sheet'ana keesa imbuumne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo haga diqqaa tokko ka Waaqaa kadhattan walii galtani, “Ee'ee” waliin jettan malee, wal hindhowatiinaa: ammoo achiin duuba hujii teessan ta dhiirsaa niitii guutaa, akka ufi qorqortii dhabdanii akkasiin ilaallachaa Sheexanaa keessa hinduunne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jabaattanii Rabbiin kadhachu'uuf jettanii wolii galtanii haga henna'aatiif yoo ta'e malee, wol hin dhooggatinaa'a. Uf qabuu dadhabdanii akka seexanni isin hin qorre woliin jiraadhaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Faate'een jabaatu'uuf jettanii, woliigaltanii haga henna'aatiif yoo ta'e malee, wol hin dhoggatinaa'a. Uf qabuu dadhabdanii seexxani akka isin hin qorre woliin jiraadhaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kadhanna'aan jabaachu'uuf lamaan keessanuu woliigalttanii yeroo murttaayeetti yoo ta'e malee, gargar bayu'uun tokko ka bira'aa mirga isaa ka fuudhaa fi heerumaa hin dhoogatin. Sababa kanaan'llee mataa keessan toowachuu dadhabiddanii Sheexanni akka isin hin qoranneef, deebi'aatii woliin jiraadhaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akka jabaattanee daadimattanuuf isin lamaanuu wolii galtanee yennaa murtootteef yoo teete malee, haqa dhirsaa fi niitumma'aa wol hin dhooggatin. Sababa kanaan ka ka'e ifi qabachuu dadhaddanee Seexanni akka isin hin ataanne, ammalle wolitti deebi'a'a.