1 Corinthians 8:1 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Marroo horii waaqota dharaatiif qalamee gaaffii ana gaafattane ilaalchisee, nuuti marti beekkunsa akka qannu hin beenna. Beekunsi akkasii nama bondhoorsa; jaalalli ammoo hin jabeessa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Amma anini waan sagale waan harkaani boch'ani baasani dubbad'a: D'uguma nuuni ch'ufti hubacha qamna. Ammo hubachaani akana tunini nama ufi guddisiifti, ammo jaalalti nama jabeesiti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin amma waan sagalee waan harkaan bocanii baasanii dubbadha: Dhugumaa nuun cuftii hubachaa qamna. Ammoo hubachaan akkanaa tunin nama ufi guddisiifti, ammoo jaalaltii nama jabeessiti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan foon waaqa tolfama'aa kennamee nu martinuu akka beekkumsa qabnu hin beenna. Beekkumsi akka uf maman taasisa. Jaalalti ammo keessa namaatii nagaya keenna.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Waan foon waaqa tolffama'aa kennamee nu martinuu beekkomsa akka qabnu hin beenna. Beekkomsi akka uf maman taasisa. Jaalalti ammoo keessa namaatii nagaya keenna.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waayee foon Waaqa harkaan hojjatameef qalamee yoo ta'e, sirri'i, «Nu marri keennaa beekkomissa ni qabnna» Haa ta'u malee beekkomissi ufi nama tuulchisa, jaalalli garuu nama ijaara.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Marroo horii waaqota dharaatiif qalamee gaaffii na gaafattane ilaalchisee: Nuuti marti beekkumsa akka qannu hin beenna. Beekkumsi akkasii nama bondhoorsa; jaalalli ammoo hin jabeessa.