1 Corinthians 8:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani beekkunsa qaba jettee galma waaqota dharaa keessatti ati nyaatiisatti jirtuun, nami wodanaan isaa dadhabaa te'e tokko yoo si dhagge, wonni kun akka inni horii waaqota dharaatiif qalame nyaatuuf isa hin kakkachuu?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Fakeenna yo nami heregi isaa laafa toko, sii hubacha qaba jed'ani mana waaqa d'ara keesati sagale waan harkaani boch'ani nyaatu arge. Wonti atini taatu suni duuba aka innileeni sagale suni nyaatu intolchitu?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Fakkeennaa yo namii herregii isaa laafaa tokko, sihii hubachaa qaba jedhanii mana waaqaa dharaa keessatti sagalee waan harkaan bocanii nyaatu argee, wantii atin taatu sun duuba akka inniilleen sagalee sun nyaatu hintolchituu?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ati ka beekkumsa qabdu, nyaata mana waaqa tolfama'aa bira uduu teettu uduu namni tokko si argee, namni sun uduu dadhabaa ta'ee, ka waaqa tolfama'aaf dhiyaatu san nyaatu'uuf hin kajeeluu?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ati ka beekkomsa qabdu, nyaata mana waaqa tolfama'aa bira uduu teettu, namni tokko uduu si argee, namni sun uduu dadhabaa ta'ee, ka waaqa tolfama'aaf dhiyaatu san nyaatu'uuf hin kajeeluu?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Beekkomissa qaba» jettee, Waaqa harkaan hojjatameef mana waaqeffanna'aa titti ka qalame yoo nyaattu, naminni namaniti'iin hin jabaatin yoo si arge, gochi kee kun namichi Waaqa harkaan hojjatameef ka qalame akka nyaatuuf ni jajabeessanii mitii ree?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani beekkumsa qaba jettee galma waaqota dharaa keessatti ati nyaatiisatti jirtuun, nami wodanaan isaa dadhabaa te'e tokko yoo si dhagge, wonni kun akka inni horii waaqota dharaatiif qalame nyaatuuf isa hin kakkaachuu?