1 Corinthians 8:2 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nami wo beeka ifiin jedhu, haga beeku'uu maleeyyuu hin beenne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami waan wo beekhu ufi sehu haga sila beekhu male imbeekhu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii waan wa beeku ufi sehuu haga silaa beekuu male hinbeeku.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eennullee waan waa beeku yoo isatti fakkaate, haga beekuu isa barbaachisu hin beenne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eennullee waan waa beeku yoo isatti fakkaate, haga beekuun isa irra jiru hin beenne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Beekkomissa ni qaba» jedhee naminni yaadu yoo jiraate, haga beekkamuu qabu amma'llee hin beekinne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami wo beeka ifiin jedhu, haga beeku'uu maleeyyuu hin beenne.